Difference between revisions of "Category:Ethiopia - Addis Ababa University Faculty of Veterinary Medicine, Debre Zeit Graduates"

From WikiVet English
Jump to navigation Jump to search
(fayyaan faaya)
(No difference)

Revision as of 18:03, 19 October 2017

fayyaa beeyladoota oromiyaa

Dhukkuboota Beeyladootaa kanneen Namatti daddarban (Zoonotic disease) ▶▶▶▶▶▶▶▶▶▶▶▶▶▶▶▶▶▶▶▶▶▶▶▶▶▶▶ Dhukkubni daddarbaan kan inni ka'u jalqaba duraa Bineensota alaa irraa gara Beeyladootati achiin immoo gara Namaati kan ta'u dha. Uumamumaan Bineensonni tokko tokko baattoo dhukkuba yeroo isaan ta'an ni mul'ata, garuu dhukkubni kun isaan irraa hin mul'atu garuu gara Beeyladaatti ykn Bineensa biraatti yommuu darbu balaa irraan gaha. ° Dhukkuboonni daddarboon Beeylada irraa gara namaatti kan daddarbu karaa addaa addaatiin: A. Karaa nyaataa B.Karaa qilleeensaa C.karaa tuqatii D.Cininuudhaan fi kkf.

°Dhukkuboonni daddarboon kunis kan isaan dhufan lubbuqabeeyyii xixxiqoodhaan(Microorganism) dhaan kanneen dhufanidha. Isaanis kanneen akka: ◆ Baayirasii (Virus). ◆Bakteeriyaa (Bacteria) ◆Fangasii (Fangus) ◆Maxxantoota (Parasites)

Dhukkuba Baayirasiidhaan dhufan kanneen Beeylada irraa gaara Namatti daddarban

====================

1.Dhukkuba Saree maraatuu ( Rabies ) 2.Dhukkuba Qufaa Simbiraa (Avian influenza) 3.Qufaa Boyyee (Swine flue)

DHUKKUBA SAREE MARAATUU (RABIES DISEASE) °°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°° SEENSA* Dhukkuba Saree maraatuu isaa afaan Engilizin rabies jedhamu dhukkubni kun kan inni dhufe Baayrasii Lyssa jedhamuun kan dhufudha. 'Lyssa' jechuun jecha Laatin 'maraachuu' jedhu irraa kan fudhatamedha.

◇Warra (family) Baayirasii kanaa "Rhabdoviridae" jedhama; jecha ' rhabdo' jedhamu irraa fudhatame. Rhabdo jechuun kan ulee( rod) fakkaatu jechuudha.Marree casaan seelii Baayirasiin kanaa ulee waan fakkaatuf warra ulee fakkaatan(Rhabdoviridae) jedhame. ◇Qacceen(Genus) isaa immo lyssa virus jedhama. °Baayrasiin kun ifa aduu fi ho'a, keemikaala akka saamunaa fi kan biroo damdamachuu waan hin dandeenyef dafee saaxila ba'ama ykn du'a. °Bineensota warreen dhiigni isaanii ho'aa ta'an hunduma isaanii qabuu danda'a; garuu simbirroonni dhukkuba kaanaan qabamu hin danda'an sababiin isaanii poiklothermis waan ta'aniif.Hammi ho'ina qaama simbirrootaa (body temperature) waan baay'ee olka'aa ta'eef (41-42 °c) baayirasiin kun simbirroota hin qabu.

  • AKKATAA DHUKKUBNI SAREE MARAATUU ITTIN DADDARBU
=====================

°Tibbi dhukkubni Saree maraatuu itti hedduumatu yeroo Saroonni gaanaaf (mating) oliif gad yaatu, gannaa fi birraa dha.Yeroo kanatti Sarootni akka salphaatti dhukkuba kana walitti daddabarsuu dandeessi, akkasumas Sardidoo, Yeeyyii fi kanneen biroo wajjin illee waal argu waan ta'eef dhukkubaaf saaxilamu. °Dhukkubni Saree maraatuu kan inni Beeylada tokko irraa gara Namaatti ykn Beeylada biraatti ittin daddarbu yommuu hancufaan ykn goggorri Beeylada dhukkubaan qabamte qaama seelii, madaa ykn citinsa googaa beeylada ykn Nama yoo tuqedha. °Akka qorannoon tokko tokko mul'isutti Baayiraasiin dhukkuba kana fidu dhiigaa Beeylada keessa hin jiruu jedha, sabaabiin isaas baayirasiin kun narvoota waan jaalatuuf hiddi dhiigaa ykn dhiigni narvootaan hagasmara waliitti hin hidhamu.Kanaafuu dhukkubni Saree maraatuu dhiigaan hin darbu jechuudha. °Akkasumas dhangalaa'aa qaama keessa baahuun hancuufaa fi immimaaniin ala hagasmara hin darbu. Immimaani fi hancufni nervootaan waan wal qabatuuf baayirasiin kun sammuu erga yaabbatee boddee narvoota kana keessan gara xannaachoota hancuufa fi immimmaani dhufa. °Erga xannacha hancufaa qaqqabee boddee hancuufa keessa tura.Beeyladni yommuu nama ciniintu baayirasiin kun qaama bakka ciniiname sanaan narvoota maashaa fi gogaa wajjiin waal qabatan seena achiin booda waal hora( seelii maashaa "Myocyte") jedhamu keessati waal hoora) ==> gara sammuutti imala isaa eegala==> ammas hidda narvii kan duggugguruu dugdaa isa gubbaa (dorsal ganglion) isa jedhamuu keessatti waal hora)==> kutaa sammuu cereberal cortex hippocampus qaqqabuudhaan narvoota waal xaxoo achi keessa akkasumas qaamota achi keessa miidha==> ammas narvoota qabachuudhaan gara xannachootatti imala isaa eegala erga qaqqabee hancufa keessatti kuufama. ° Hancuufni beeylada dhukkubsattee yoo qaama ykn seelii lallaafaa (mucous membrane) tuqe dhukkubni kun darbuu danda'a. Qaamni lallafaan kunis kan akka ijaa(conjuctival mucous membrane), qaama happii (mucous membrane funyaan fi afaan keessa (oral and nasal mucous memebrane fi kk). °Bakki sammuu keessa hippocampus jedhamu akka waa yaaduu (brain memory) kan gargaarudha. Qorannoo labooratoory keessaatti tishuun kutaa sammuu Beeylada dhukkuba kanaan qabame keessaa fudhatame erga adeemsa qorannoo seelii (tissue proccesing) ta'ee boddee; meeshaa Maakrooskopii jedhamu keessatti "Negri body" kan jedhamu argama. Negro body jechuun qaama gurraacha jechuudha bakka baayirasiin kun midhe du'ee gurraacha ta'a.

  • TURTII BAAYIRASIIN MARAACHAA GARA SAMMUUTTI TAASISEE MALLATTOON DHUKKUBA MUL'ATU/INCUBATION PERIOD
=====================

°Turtiin kun kan inni ta'u beeyladni tokko ciniinamee hanga mallattooleen irraatti mul'atanitti jechuudha. Turtiin kunis waantota kanaa gadii irratti hundaa'a: 1.Hamma baay'ina baayirasii qaama seene 2.Sanyii baayirasii 3.Bakka ciniiname (bakki ciniiname yoo gara sammuutti dhiyaacha adeeme turtiin mul'achuu mallattoo ni gababbata ykn saffisa ) 4.Humna ittisa beeyladaa 5.Hammaanta madaa bakka ciniiname yoo bal'aa ta'e hammi hancuufaa baayirasii bay'ee wajjiin itti seena. ▶Saree fi Adurree irratti kan inn amul'atu guyyaa 10 hanga ji'a 6 tti Ykn immoo torbee lamaa hanga ji'a sadiitti ▶Sawwaan irraattii immoo guyyaa 25 hanga ji'a 5 tti

  • MALLATTOOLEE DHUKKUBA SAREE MARAATUU
=====================

▼Mallattooleen beeylada tokko irratti mul'atu bakka saditti qoodama isaanis:

1.Prodromal stage/reefu kan irratti mul'atu waanta akka soodaa, of dadhabuu, of wallaluu, amaloota duraan jiru jijjiruu kan akka sagalee fi kkf. 2. Furious stage/sadarkaa baay'ee si'aayinaa sadarkaa kanatti gutummaan gutuutti yeroo beeyladni tokko amala duraan qabu jijjiirudha.Akka fakkenyaatti yeroo waanuma arge ciniinu,Muka cininuu,ilkaan irraa caccaba yommuu sibila ciniinutti, agartuun ijaa isheen gurraatiin bal'achuu ykn ija babaasuu,sagalee jijjiruudhan bokkisuu; himimsuu; dutuu, olif gad figuu,[ fedhiin ariisaa (sexual desire) itti baay'achuu fkn hoolaaf].

3.Paralytic stage/sadarkaa lamsheessaa inni kun immoo kan ta'u isa dhumaa yeroo Baayirasiin kun sammuu Beeyladaa keessatti baay'atee narvoota sammuu miidhudhaan mul'atudha. Narvoonni midhaman tanaan maashaan ni lamsha'a. Mallatooleen isaas gororsisuu, bishaan jibbisisuu(hydrophobia), nyaata liqimsuu dadhabuu, Nama illee cininuu barbaadu garuu hin danda'an sababiin isaa maashaan mangagaa fi liqimsituu waan laamsha'uuf. °Dhuma irratti Beeyladni ykn Namni kan inni du'uuf sababa guddaa kan ta'u laamsha'uu maashaa hargansuuf tajaajilu kan akka maashaa qoomaa/cinaachaa isa keessa fi alaa, maashaa diyaafraamii dha. Maashaan kun kotoonfatee ykn diriireetu haala hargansuu Beeylada tokkoof gargaara, yommuu laamsha'etti (paralysed) Beeyladni harganuu dadhabuudhan du'a.

  • TO'ANNOO FI ITTISA DHUKKUBA SAREE MARAATUU
=====================

▼Dhukkubni saree maraatuu kun baay'ee hamaa waan ta'eef, ittigaafatamummaan ittisaa fi to'annoo dhukkuba kanaa nama kamirraallee ni eegama.

  • Haaluma kanaan akkataan ittisa fi to'annoo dhukkuba Saree maraatuu akka armaan gadiiti tarreefama:

1.Saroota magaalaa keessa olif gad joortu dhabamsisuu 2.Beeylada Saree hidhuudhan hamma dandaa'ametti bineensa akka Jeedala, Yeeyyii ykn kan biroo irraa ittisuu 3.Beeylada talaalchisuu 4.Beeyladni tokko yoo qabame qobaatti hamma guyyaa 10tti hidhanii yaaluu 5.Beeylada Saree dhukkuba kanaan qabamte hatatamaan ajjeesu dha 6.Namni tokko yoo Sareedhaan ciniiname Yommuudhuma sanatti saamunaa fi bishaaniin bakka madaa'e dhiquu, sababiin dhiquu Baayirasiin kun uumamaan wanneen akka saamunaa; alkoolii fi kk damdamachuu waan hin dandeenyeef hammi isaa ni bada Kanaan boddee gara mana yaala geessudha.

  • TALAALLI BEEYLADOOTAA FI NAMAAF KENNAMU

18:03, 19 October 2017 (UTC)18:03, 19 October 2017 (UTC)18:03, 19 October 2017 (UTC)18:03, 19 October 2017 (UTC)18:03, 19 October 2017 (UTC)18:03, 19 October 2017 (UTC)Tag (talk) Talaalli jechuun akka qaamni namaa ykn Beeyladaa humna ittisaa dhukkubaa baay'ifatuu akkataa prootinii gara qaama beeyladaa ykn namaatti dabarsanidha. °Protiniin(farra qaamaa) kunis waanuma dhukkuba sana fidu irraa kan qophaa'udha, yeroo gara qaamatti seenu seelonni qaamaa keessaa akka farri qaama alagaa(Antibody) omishaman godhu kan akka Imminoglobulin (Ig G, Ig A, Ig M, Ig E, Ig D). °Farri qaama(antigen) kannen akka (baayirasii, baakteriyaa, fangasii fi maxxannee qamaa/internal parasite ) immoo farra qaama alagaa maddee jiruun to'annoo jala galu. Yommuu farri qaama alagaa kun hin jirretti farri qaamaa akka barbaadetti seelii qaamaa miidha. ▲Talaallin kun Madiinummaa argannoo jedhama, Madiinummaa jechuun kan qaamni tokko itti humna ittisa argatudha. ▼Madiinummaanis bakka lamatti qoodama isaaniis; 1.Madiinummaa uumama/active immunity [ uumaman kan jiru immuniglobulin A ]. 2.Madiinummaa argattee/passive immunity [ Silga ykb colostrum; talaalli]. °Gosoonni taalallis akkataa sanyii dhukkuba fidu irraatti hundaa'ee akka kanaa gadiitti jira isaanis kan ajjeeffame ykn dadhabsiifame( attenuated or killed vaccination); kan jiraa(live vaccination) jechuudhan qoodamu.

▼Talaallin kunis kan gargaaru to'annoo ( control) fi ittisa (prevention) dhukkubatiif. To'annoo/control dhukkuba inni jedhamu erga dhukkubni tokko Beeylada ykn Nama qabee akka inni gara birootti hin tatamsaane to'achuudha. °Karaa biroon ittisa inni jedhu immoo akkuma maqaa isaa utuu dhukkubni tokko gara Beeylada ykn Nama hin dhufiin dura ittisa godhamudha, ittisni kunis qulqullina nannoo fi dhuunfaa akkasumas fayyaa nannoo eguudhan ittisuudha. °Talaallin ittisaaf ta'u Beeyladni dhukkubaan otoo hin qabamin dura akka Beeyladootni humna ittisa qaama isaanii keessa baay'ifataniif gargaara. °Waanti kun akkuma biyyi tokko otoo hin weeraramiin dura humna ittisaa omishatu qaamni Namas ta'e kan Beeyladaa humna omishata

▼Egaa akkataan talaalli dhukkuba saree maraatuu bakka gurguddaa lamatti hiramee ilaalama isaanis: 1.Erga dhukkubni kun qaama seene (post exposure) 2.Osoo dhukkubni kun qaama hin seeniin( pre exposure).

1. Talaallii erga dhukkubni Saree maraatuu Beeylada ykn Nama qabee kan keennamu ( Post exposure prophylactic vaccination /PEP)

====================
  • Erga dhukkubni qaama Beeylada tokkoo seene, Beeylada sana gara fayyumaatti fiduun baay'ee ulfaatadha sababiin isaa kutaa sammuu beeyladaa qabateera tanaan ; kuta sammuu cereberal cortex( baaduu sammuu ) kessaa hippocampus kan jeedhamu miidha.

°Sammuun miidhame jennaan immoo beeyladni gara maraatummaati,deema. Kanaafuu Saree dhukkuba kanaan qabamte hatatamaan ajjeesuudha. °Garuu namni sareedhan ciniiname hatattamaan gara mana yaala deemuun talaalamu qaba

  • Taalallin kunis akka qoriichaatti kan sanyii baayrasii sana irraa hojjetamu maashaa Namaa naannoo handhuuraa irratti keennama.Sababiin naannoo handhuuraa irra ta'eef bakki kun narvoota baay'eedhan kan uffifamee jirudha, bayirasiin dhukkuba saree maraatuu fidu garuu narvoota waan jaalatuuf(neurotrophic).

▼Guyyaan talaalli dhukkuba saree maraatuu itti keennamu (karaa gogaa jalaan ykn maashaa irraanidha) innis akka armaan gadiitti: 1.Guyyaa jalqabaa akkuma ciniinameen 2.Guyyaa 3 ffaatti 3.Guyyaa 7 ffaatti 4.Guyyaa 14 ffaatti

  • Nama duraan talaalli fudhatee yoo deebi'ee beeylada dhukkubsateen ciniiname, akka kanaa gadiitti talaalama:

→Guyyaa jalqaba ciniiname → Guyyaa 3ffaatti

2.Talaalli osoo beeyladni tokko dhukkuba saree maraatuu (rabies) dhaan hin qabamiin keennamu (pre exposure prophylaxis /pep)

=====================
  • Talaalliin kun osoo Beeyladni tokko dhukkuba maraachaa kana wajjin waal hin argiin, qaamni Beeyladaa akka looltuu omishatuuf kan gargaarudha.

→Kun ittisa dhukkuba saree maraatuuf fayyada, akka beeylada hin qabneef humna ittisa qaama(immunity) Beeyladni ykn namaaf dabala.Ergasii beeyldootni ykn namni yoo ciniiname dhukkuba kanaan akka leeyyootti hin qabamu hin danda'u jechuudha

▼Guyyaa taalallin kun itti keennamu akka kanaa gadiitti: 1.Guyyaa jalqabaa 2.Guyyaa 7ffaatti 3.Guyyaa 21ffaa ykn 28ffaatti

◆[◆][◆][◆][◆][◆][◆][◆][◆][◆][◆][◆][◆]◆

Fayyaa Beeyladoota Oromiyaa (FBO)

Fayyaan Faaya

Afaan keenyaan haa hojjeennu, haa qorannu! Oromiyaa haa misoomsinu. ♥ Horaa bulaa deebanaa lammiiwwan kiyya!♥

Copyright © 2017 Obsaa Abdiisaa

  1. Tag.Abdiisaa